Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee Guddina Damee Turizimii Magaalattiif xiyyeeffannoo olaanaa kennee hojjechaa jira jedhan Af-Yaa’iin Mana Maree Magaalattii Aadde Buzeenaa Alkadir.
KomishiniinTurizimii Magaalaa Finfinnee Fooramii jalqabaa bakka qooda fudhattoonni argamanitti taa’uu eegaleera.
Komishiniin Turizimii Magaalaa Finfinnee hundeeffama isaa irraa eegalee galma Damee Turizimii akka Biyyaatti qabame ka’umsa taasifachuun, Finfinnee Jiddugala Turizimii taasisuuf hojjechaa jiraachuu Komishinarri Komishinichaa Komishinar Hundee Kabbadaa himaniiru.
Hojiileen Misoomaa magaalattiitti hojjetamaniifi hojjetamaa jiran gahumsa Turizimii dabaleera kan jedhan komishinar Hundeen, Kanaa ol Magaalattii gama Damee Turizimiin beeksisuuf hojiin eegalame cimee itti fufa jedhaniiru.
Komishiniin Turizimii magaalaa Finfinnee mul’ata Magaalattiin Guddina Damee Turizimiif qabatte dhimmoota dhugoomsuu danda’an irratti akkaan hojjechaa jira kan jedhan komishinar Hundee Kabbadaa, kanaafis haalonni hedduun mijaa’aniiru jedhaniiru.
Magaalaan Finfinnee iddoolee hawwata Turizimii uummamaafi nam-tolchee hedduu qabdi kan jedhan Af-Yaa’iin Mana Maree Magaalaa Finfinnee Aadde Buzeenaa Alkadir, kanaan olitti Finfinnee Fakkeenya badhaadhinaafi turizimii Afrikaa taate ijaaruuf dhimmoonni abdii namatti Horan hojjetamaa jirus jedhaniiru.
Fooramichi har’a dabalatee guyyoota lamaaf taateewwan garaagaraan kan itti fufu ta’uu hubachuu dandeenyerra.
Sisaay Dirribaatu Gabaase.