Kantiibaa Adaanech hawaasa diiploomaasii Finfinnee jiraniif hawwii bara haaraa gaarii dabarsan

You are currently viewing Kantiibaa Adaanech hawaasa diiploomaasii Finfinnee jiraniif hawwii bara haaraa gaarii dabarsan

AMN PLUS- Mudde 15/2018

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen hawaasni diiploomaasii Finfinnee jiran tibba ayyaanota Dhalachuu Iyyesuusiifi Bara Haaraa Faranjootaa as adeemaa jiruutti yeroo gammachuu gaarii akka qabaatan hawwii gaarii qaban ibsan.

Ergaa fuula Tiwiitarii (X) isaaniin dabarsaniin “Waqtiin ayyaanotaa as dhiyaachaa jira, hawaasni diiploomaasii idil addunyaa Finfinnee jirtan marti yeroo ayyaanaa gaarii akka qabaattan hawwiin qabu ibsuun barbaada” jedhaniiru.

Barri haaraan kun kan nagaa, gammachuu fi badhaadhina itti argatan akka ta’uuf hawwii qaban ibsaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply