AMN PLUS- Mudde 20/2018
Misooma Qarqara Laggeenii Finfinnee keessaa Ashaaraa ofiisaa qaba. Misooma Kooriidarii naannawa Shiroo Meedaatti hojjetame keessatti haadholii jirbii foo’aniif yaadannoo ijaarame irratti hirmaateera. Paartkii Tokkummaattis bobboca garagaraa hojjeteera.
Yoo lafeen Abishee Garbaa deebi’uu baateyyuu seenaa isaan dhaaba jedheen siidaa isaa hojjedhe jedhe Ogeessi Bobbocaafi Barsiisaa Lammii Beenyaa.
Godina Hoorroo Guduruu Wallaggaa Magaalaa Shaambuutti dhalatee akka guddatte kan dubbatu Lammiin barnootasaa hanga sadarkaa 2ffaatti achumatti barate.

Yuunivarsiitii Finfinneetti Aartiidhaan waggaa 4 baratee ba’ee yeroo ammaa Asallaatti Barsiisaa Kolleejjii fi Dhaabbata dhuunfaa Istuudiyoo “Bobboca Lammiif” jedhu hundeessee Asallaafi Buraayyuutti hojjechaa akka jiru dubbateera.
Lammiin daa’imummaa irraa kaasee hojii fakkii akka jaallatu gaafa dubbatu “bunni akaayii bada, ilmi eessuma bada” akkuma jedhamu, eessuma koofi ilmi wasiila koo kennaa bobbocaa waan qabaniif tarii isaanittan ba’e ta’a jedhe turtii AMN Dijitaal waliin taasiseen.
”Mul’atakoo keessaa Waaqayyo nagargaaree Siidaa Abishee Garbaa hojjechuu kootti bay’een itti gammada” jedhe

Hojiin isaa jalqabaa bobboca Abbaa Gadaa yoo ta’u hojii bobbocaa hedduu akka hojjetee kaasee, hanga harraatti biyyattii keessatti Siidaan Biroonziin hojjetame 3 kan hin caalle yoo ta’u keessaa tokko kan Abishee Garbaa ta’uu dubbateera.
Siidaa Goototaa keessaa jalqaba irratti bara 2005 kan Oliiqaa Dingil jalqabee haalotni isa dhaabsisu akka muddate kan dubbatu Lammiin itti aansee siidaa Gooticha Abishee Garbaa kaka’umsa ofii isaatiin bara 2008 jalqabee waggaa 4f dadhabbii heeddu booda bara 2012 walii galteen taasifamee, bara 2013 eebbaaf akka qaqqabe dubbateera.
Du’i Gooticha Abishee Garbaa gaabbii hundatti gateen yoo lafeen isaa deebi’uu baatellee dheebuu dhalootaa deebiisuuf Siidaa isaa hojjedhe jedhe.

Aartii keessaa hojiin bobbocaa ulfaataafi dadhabsiisaa ta’uu kan kaase Lammiin, siidaa kana hojjechuufis bu’aa ba’ii hedduu akka dabarse dubbata.
Siidaan kan bakkee dhaabbatu yoo ta’ee mateeriyaalii roobaaf aduu dandamachuu danda’u akka ta’eefi sadarkaa adda addaan biroonzii irraa hojjetamuu akka qabu dubbateera.
Gooticha Abishee Garbaas goota Jaarraa 19ffaa walakkeessa, bara 1850 keessa ture roorroo karaa Goojjam dhufu qolatee Oromiyaan akka hin sarbamne godhaa turedha jedhe.
Siidaan Gooticha Abishee Garbaas giddugala Magaalaa Shaambuutti birrii Miliyena 6.8 n hojjetame akka xumurame dubbateera.

Lammiin hojii Misooma koridarii magaalaa Finfinnee miidheksuuf hojjetamaa jiru keessatti ashaaraa isaa kaa’achaa jiraachuufi Paarkii tokkummaafi galma guddaa Masaraa keessatti argamu keessattis akka hirmaate himeera.
Siidaadhaan nama du’ee qofa yaadanna miti kan jedhe Lammiin, Artiist Alii Birraafi Artiist Hacaaluu Hundeessaaf osoo lubbuun jiraanii hojjedheefi galateeffachuuf osoon jedhuu du’atu itti ariifate jedhe.

Hojiin bobbocaa yeroo amma harka tokko 3ffaadhaan ogeessa bobbocaa bira ga’a kan jedhu ogeessichi, garuu kun hojii artistii waan ta’eef kallattiidhaan qaamni hojjechiisuufi ogeessa bobbocaaf kennamuu akka qabu hime.
Mootummaan xiyyeeffannaa dhimma kana ilaaluu akka qabu Ogeessa Bobocaafi Barsiisaa Lammii Beenyaa AMN Dijitaal waliin turtii taasiseen dubbateera
Daraartuu Tarreessaatu gabaase