Waltajjiin Walirraa barachuufi muuxannoo waljijjiiruu Gamtaa Paartii Badhaadhinaa Magaalaa Finfinnee Adda Duree qopheessummaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Finfinnee eegalame.
Kaayyoon waltajjichaa Gamtaan Paartii Badhaadhinaa Sekteraalee Magaalattii keessatti argaman ergama hojii mootummaafi Paartii itti kenname sirnaan ba’achuu kan ittiin madaalamuufi muuxannoo kan itti wal jijjiran ta’uu himameera.
Waltajjicha irrattis Gamtaa Paartii Badhaadhinaa kenniinsa tajaajilaafi itti quufinsa maamilaa dabaluun wal qabatee raawwii olaanaa galmeessisan 8 hojii isaanii dhiyeessuun kan wal dorgoman yoo ta’u, Gamtaa Paartii Badhaadhinaa raawwii olaanaa galmeessisuun Sadarkaa 1ffaa hanga 3ffaatti ba’an kan badhaafaman ta’uu eerameera.
Jiraataa Biyyanaatu Gabaase.