Komishiniin Tuurizimii Magaalaa Finfinnee teekinooloojii yeroon barbaadu hundatti fayyadamuun qabeenya tuurizimii magaalittiin qabdu daran beeksisuuf ogeeyyii miidiyaa waliin mari’ateera.
Komishinichi yeroo dhiyoo hundaa’e keessatti caasaa haaraa diriirsuun ogeeyyii haaraa beekumsaafi muuxannoo qaban horachuun qabeenya tuurizimii fi guddina Indastirii Tuurizimii Finfinnee guddisuuf hojjechaa akka jirus ibseera.
Tuurizimiin madda diinagdee guddaa akka ta’uuf hojiin jalqabe jajjabeessaa ta’uu Komishinarri Komishinii Tuurizimii Magaalaa Finfinnee Obbo Hundee Kabbadaa himaniiru.

”Hojiin tuurizimii kan qaama tokko qofa osoo hin taane hojii walooti” kan jedhan Komishinarichi, teekinooloojii ammayyaa waliin wal simsiisuun guddisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Qabeenya tuurizimii magaalittiin qabdu addunyaatti beeksisuun tuuristoota hawwachuuf hojiin qindoominaa ogeeyyii miidiyaa waliin jalqabame cimee itti fufuu akka qabu Komishinar Hundeen dubbataniiru.
Ogeeyyiin miidiyaa marii kanarratti hirmaatan yaada kennaniin, komishinichi bifa haaraan caaseffamee hojii keessa galuun gaarii ta’uu kaasuun, qabeenya tuurizimii Finfinnee beekanii walitti dhiyaatanii hojjechuun murteessaa tahuu dubbataniiru.
Abdiisaa Fufaatu gabaase