Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) Pireezidaantii Faransaay Imaanu’eel Maakroon waliin bilbilaan mari’achuu isaanii miidiyaa hawaasummaa isaaniin beeksisaniiru.
Dooktar Abiyyi, Pirezidaant Maakroon waliin haala itti hariiroo michoomaa biyyoota lamaanii ammaafi fuulduraa cimsan irratti mari’achuu ibsaniiru.
Dabalataanis, dhimmoota naannawaa fi addunyaa dantaa biyyoota lamaanii eegsisan irratti waliin mari’achuu isaanii beeksisaniiru.