Konfedereeshiniin Kubbaa Miilaa Afriikaa bara 2028 irraa kaasee Waancaan Afriikaa Waggaa 4tti akka gaggeeffamu murteessuu hordofee, Waancaan Afriikaa 2029 ture gara 2028tti as butameera.
Itoophiyaan kana dura Waancaa Afriikaa kan bara 2029 qopheessuuf fedhii agarsiisaa waan turteef amma kan bara 2028tti as butane qopheessuuf gaaffii ifaa dhiyeessuu Ministirri Aadaafi Ispoortii beeksiseera.
Yaada Ministira Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) irraa maddeen Itoophiyaan dorgommii ofiif hundeessite kana qopheessuuf bu’uuraalee misoomaa ispoortii babal’isuu irratti xiyyeeffatteetti.
CAF biyyoota Afriikaa gaaffii ifaa dhiyeessan wal-dorgomsiisee yeroo dhiyootti ifoomsa.