Ministirri Muummee Itti Aanaa FDRI Obbo Tamasgeen Xurunaa, kabaja hundeeffama Yunivarsiitii Finfinnee Waggaa 75 sababeeffachuun ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, “Yunivarsiitichi badhaadhina eegalame beekumsaan gaggeessuuf humna ida’amaadha” jedhan.
Obbo Tamasgeen, qorannoon ifaajjiin taasifamu, yaadni falmiin gabbatuu fi falaasamni sababaan badhaadhu halluuwwan addaa Yunivarsiitiin Finfinnee ittiin beekamu tahuu kaasaniiru.
Burqaan beekumsa Itoophiyaafi sagalee jijjiiramaa ol kaasuun Yunivarsiitiin beekamu kun har’as badhaadhina Itoophiyaan eegalte beekumsaan gaggeessuuf gahumsa dabalataa tahuu ibsaniiru.
Mariin Yunivarsiitii Finfinneetti bakka Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) argamanitti taasifame, “Kaleessa, har’aa fi bor, badhaadhina waaraa Ijaarsa Biyyaa milkaa’aa waliin Wal simsiisee gaggeessuuf gahumsa kan uumudha” jedhaniiru.
Ministirri Muummee Itti Aanaan “Baga kabaja hundeeffamaa waggaa 75ffaan isin gahe” jechuunis ergaa dabarsaniiru.