Finfinneetti sosochiin hubannoo uumuu nageenya daandii baatii Amajjii adeemsifamaa

You are currently viewing Finfinneetti sosochiin hubannoo uumuu nageenya daandii baatii Amajjii adeemsifamaa

‎AMN PLUS-Mudde 24/2018

Magaalaa Finfinneetti sosochiin hubannoo uumuu nageenya daandii ji’a tokkoof turu akka adeemsifamu Abbaan Taayitaa Bulchiinsa Tiraafiikaa Magaalaa Finfinnee beeksise.

Sosochiin hubannoo uumuu nageenya daandii magaalaa keessatti taasifamu kuni rakkoo balaa tiraafiikaa hiri’isuuf kan kaayyeeffate ta’uu, Itti Aanaan Daayirektara Olaanaa Abbaa Taayitaa Bulchiinsa Tiraafiikaa Maagaalaa Finfinnee Obbo Amaaraa Taarraqany ibsaniiru.

Sossochiin hubannoo uumuu kunis Amajjii 1 hanga 30 bara 2018tti akka turu kan ibsan Obbo Amaaraan, ayyaanoonni amantiifi cidha fuudhaaf heerumaa dabalatee taateewwan hawaasaa kan baay’atan ji’a Amajjii kana keessa waan ta’eef balaan tiraafiikaa akka hin uumamneef sosochiin hubannoo uumuu kun akka barbaachise dubbataniiru.

Sosochiin hubannoo uumuu kunis ji’a Amajjii guutuu itti fayyadama daandiiwwan konkolaataafi deemsa miilaa ilaalchisee miidiyaaleen, manneen barnootaa, dhaabbilee amantaafi daandiiwwan irratti akka kennamu ibsaneera.

Sosochii hubannoo uumuu kanaan cinaattis seera itti fayyadama daandiifi hojiileen to’annoo akka taasifamanis akeekameera.

Taammiruu Damisseetu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply