“Hayyuun, nama miiraan oofamu miti” MM Abiyyi Ahimad (PhD)

You are currently viewing “Hayyuun, nama miiraan oofamu miti” MM Abiyyi Ahimad (PhD)

AMN PLUS- Mudde 24/2018

Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) hayyuun rakkoo kan furuufi furmaata barbaadudha jedhan.

Ayyaana hundeeffama waggaa 75ffaa Yuunivarsiitii Finfinnee sababeeffachuun barataa duraanii Yuunivarsiitichaa kan turan Dooktar Abiyyi Ahimad mata duree “Gahee Hayyootaa Badhaadhina Biyyaalessaaf” jedhuun waraqaa qorannoo dhiyeessaniiru.

Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, hayyuun nama miira isaan hogganamu miti jedhan.

Yaada jaallachuufi kabajuun, gadi fageessanii yaaduufi baay’ee gaafachuun, dubbisuun fi xiinxaluun ibsituuwwan hayyuu ta’uu hubachiisaniiru.

Rakkoo furuufi furmaata barbaaduunis ibsituuwwan hayyuu tokkoo akka ta’an ergaa isaaniin ibsaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply