Ameerikaan haleellaa qilleensaa magaalaa guddoo Venezuweelaa Kaaraakaasitti taasisteen Pirezidaant Nikolaas Maaduroo fi haadha warraa isaanii to’achuu Pirezidaantiin Amerikaa Doonaald Tiraamp beeksisan.
US Ardii Laatiin Amerikaa keessatti kallattiin biyya namaa weerartee dursaa biyyaa to’achuun ishee erga bara 1989 kan jalqabaati.
Maaduuroon bara 2013 Huugoo Chaaveez irraa aangoo fudhatan.
Ministirri Ittisaa Venezuweelaa Vilaadimiir Paadriinoo haleellaa kana booda loltoota bobbaasuuf ta’uu ifoomsan
Amerikaan dursaan kun daddabarsa qoricha sammuu hadoochu keessatti hirmaatu jechuun aangoorraa kaasuuf yeroo dheeraa yaalte.
Madda: Rooyiters