Roobootiin ilkaan namaa rigu kalaqame

You are currently viewing Roobootiin ilkaan namaa rigu kalaqame

AMN PLUS- Mudde 25/2018

“Naa muri, naa muri rigaa keetu na marare

Atoo manaan baatu, eessumattan si argaree” jedhe, Weellisaa Tarfaasaa Mitikkuu.

Tarfaasaan rigaan intala miidhagduu jaal’atee isa haa mararu, ilkaan akka cabbii addaatee dukkana keessa ibsatanii deemuufuu nama mararu haa jaal’atuu waan jedhe qabaachuus baatu, marartee isaa rigaan qabee dhaammateera.

Waa’ee rigaa waa malee hin kaasne. Argannoon saayintistoota Jaappaan tokko, kana booda rigaan marareef naa muri hin jedhan.

Suuqiidhaas bitatanii ittiin rigachuun hafuuf deemuu agarsiisa. Roobootiin deggersa tokko malee ofumaan ilkaan namaa qulqulleessu kalaqameera.

Roobootiin yeroo jalqabaaf ilkaan namaa riguuf kalaqame kun maqaan isaa “g.En” jedhama.

Roobootiin teekinooloojii ammayyaan eeggannoon kalaqame kun yerooma ilkaan fuulduraan ciniinamu, afaan namaa seenuun ilkaan hunda dabalatee kutaalee qaamaa afaan keessa jiran hunda daqiiqaa tokkotti qulqulleessa.

Maashiniin Laaboraatorii Roobootiksii Yunivarsiitii Waaseedaa keessatti kalaqame kun motora xiqqootiin ilkaan hunda qulqulleessuurra darbee; asiifi achi socho’uun mangaagaa jalaa fi irra keessaa, foon maddii keessaa mirgaafi bitaa, afaan namaa guutummaatti qulqulleessa.

Saayintistootni kalaqan akka jedhanitti, rigaan mukaa ykn pilaastikaa ofumaan ittiin rigatan sun akka maashinii kanaatti ilkaan hin qulqulleessu, fayyaa irrattis dhiibbaa tokkollee akka hin qabne mirkaneeffachuu ibsaniiru.

Roobootiin Giraama 220 ulfaatu kun chaarjera mataa isaa yoo qabaatu, akkaataa daa’immaniif ta’uttis kalaqameera.

Gatiin maashina kanaa doolaara 199 yoo ta’u, faayidaan isaa inni guddaan namoota sababa miidhama qaamaan ilkaan rigachuu hin dandeenyeef akka ta’utti kalaqamuu Oddity Central’tu gabaase.

Malkaamuu Abbabaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply