Alii Afandii Ahmad jedhama. Maatii dachee Oromiyaa Harargee irraa gara Kanaadaatti qajeelan irraa dhalate.
Aliin dhalatee kan guddate Kanaadaatti yoo tahu har’a taphataa ganna 25 tahuu maddeen oduu idil addunyaa dhimma ispoortii irratti fuulleffatan qaaccessaniiru.
Maatiin Alii haatiifi abbaan isaa jalqabummarraa taphataa cimaa idil addunyaa akka Roonaaldoofi Meesii akka tahuuf hawwii qabaachuun jajjabeessaa turuu yaada kana dura BBC’f kennaniin ibsuun isaanii ni yaadatama.
Alii Afandii Ahimad garee biyyaalesssaa kubbaa miilaa dhiirotaa Kanaadaa bakka bu’uun taphachuu dabalataan kilaboota garaagaraaf taphateera.
Taphataan umrii dargaggummaarra jiru Aliin gahumsa kubbaa miilaa qabuun badhaasa Kanaadaan qophaa’uu dargaggeessa lafaa dhufaa abdii kubbaa miilaa gara fuulduraa jedhamuun badhaafamee turu seenaan durduubee taphatichaa ibseera.
Mul’ata maatiin isaa barbaadan tahaa kan guddate Aliin amma kilaba liigii shaampiyoonishippii Ingilaandi Noorwiich Siitiif mallatteessuun oduu gammachiisaa tahuun gabaafamaa jira.
Taphataa Noorwiich Siitii tahuu kan mirkaneeffate Alii Afandii Ahmad waliigaltee hanga bara 2029 tti isa tursiisu kilabichaaf kan mallatteesse yoo tahu, hidhannoo lakkoofsa 21 fudhachuun himameera.
Iddoosaa Abdiitiin