“Umrii lakkaa’uu qofa osoo hin taane, ogummaa qabaniin humna jijjiiramaa ta’uutu barbaachisa” MM Abiyyi Ahimad (PhD)

You are currently viewing “Umrii lakkaa’uu qofa osoo hin taane, ogummaa qabaniin humna jijjiiramaa ta’uutu barbaachisa” MM Abiyyi Ahimad (PhD)

‎AMN PLUS- Mudde 26/2018

‎Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) “Hayyuun nama miira isaan oofamee hoogganamu miti” jedhan.

‎Ayyaana hundeeffama waggaa 75ffaa Yuunivarsiitii Finfinnee sababeeffachuun barataa duraanii Yuunivarsiitichaa kan ta’an Dooktar Abiyyi Ahimad mata duree “Gahee Hayyootaa Badhaadhina Biyyaalessaaf” jedhuun waraqaa qorannoo dhiyeessaniiru.

‎Yaada jaallachuufi kabajuun, gadi fageessanii yaaduufi baay’ee gaafachuun, dubbisuun fi xiinxaluun ibsituuwwan hayyuu ta’uu hubachiisaniiru.

‎Rakkoo furuufi furmaata barbaaduunis ibsituuwwan hayyuu keessaa tokko akka ta’e ibsaniiru.

‎Hayyootni hedduun umrii isaanii dargaggummaatti waan biyyaafi addunyaa fayyadu kalaqu, qoratanii argachuufi gaggeessuuf danda’uu akka fakkeenyaatti kaasaniiru.

‎Dooktar Abiyyi dabaluun, “Umrii lakkaa’uu qofa osoon taane, hubannoofi ogummaa qabanitti fayyadamuun humna jijjiiramaa ta’uun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Malkaamuu Abbabaatu Qindeesse

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply