Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) daawwannaa Waajjira Olaanaa Daandii Baabura Itiyoo- Jibuutiitti geggeessan ilaalchisuun ergaa dabarsaniiru.
Ergaan fuula miidiyaa hawaasummaa isaniin dabarsan akka itti aanutti dhiyaateera.
“Har’a Waldaa Aksiyoona Baabura Itiyoo – Jibuutii daawwanneerra.
Daawwannichi humna raawwii loojistiksii biyyaalessaa biyya keenyaa gamaaggamuu fi ajandaa misoomaa biyyattii guddachaa dhufe deggeruuf qophaa’ummaa loojistiksii irratti maree bu’a qabeessa geggeessuuf carraa nuuf kenneera.
Dinagdeen keenya guddachaa yoo deemu dameen loojistiksii yoo hinammayyoomne gufuu guddaa guddina waaraa gufachiisu ta’ee itti fufa.