Pirimeerliigiin Ingilaandi barri wal dorgommii 2025/26 marsaa 2ffaan boqonnaa xumuraa qabateera.
Kilabootni liigichaa 20’n torbeewwan 20 dabarsaniin qabxiin galmeessan kilaboota muraasaaf gaarii tahuu malus irra caalan isaanii garuu gammadoo akka hin taane ragaaleen ni dhugoomsu.
Kilaboota bara dorgommii kana qabxii gaarii galmeessan duuba ciminniifi gahumsi taphattootaa akkasumas leenjistootni ciccimoon jiraachuun wal-nama hin gaafachiisu.
Faallaa kanaa kilabootni maqaa kaleessaa itti fufsiisuuf qorumsa keessummeessan ammallee karaa ilaaluun haala homaa gochuu hin dandeenye.
Haata’utii waan furmaata jedhan leenjistoota gaggeessuu yoo fudhanne Cheelsii fi Maanchistar Yuunaayitid hawaasa ispoortii idil addunyaa amansiisu malu.
Ta’us kun qofti gahaadha jedhanii amanuun rakkisaa tahuu mala. Fuuldurri isaanii jijjiirama qabaachuu fi dhabuu akkasumas daandii dhuma baratameen itti fufuu ilaalchisee akkuma gaaffii ta’etti jira.
Kun kanumaan osoo jiruu, hireen mana warra Cheelsiifi Maanchistar Yuunaayitid seene, kilaboota akka Tootinaamiifi Liverpuul warreen biroos dabalatee leenjistoota isaanitti karaa galaa agarsiisuu akka malan illee xiinxalameera.
Leenjistoota jijjiiruun qofti gahaa tahuus baatu akkuma Amoorim leenjisaan Tootinaam Toomaas Firaankiifi kan Liverpuul Arnee Isloot gahumsa leenjisummaa dirree irratti agarsiisaa jiraniin warreen dhiyeenyatti gaggeeffamu danda’an tahuu ragaaleen dhugaa bahuu miidiyaaleen idil addunyaa dhimma ispoortii irratti xiinxala isaanii kennaniiru.
Iddoosaa Abdiitu qindeesse