”Yoo qophoofne, yoo hir’iba keenya dhiisne, yoo saffisne AI’n akkuma Gitaaraa, TV fi konkolaataa kan itti fayyadamnu taha” jedhan Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD)
Hubannoo namtolchee (AI)n Sodaa qabatee dhufu caalaa carraa bal’aa kan qabu tahuu milkaa’ina waggoota darban keessatti argamaniin yaadachiisuun, bara faranjootaa eegalame keessattis faayidaan isaa daran akka babal’atu ibsaniiru.
Hojmaatni kitaabaa fi koppii tokko irratti hidhamanii taa’uu akka isaaniif hin liqimfamne kan ibsan Dooktar Abiyyi, AI’n carraa hojii nama jalaa fudhata jechuun kanneen sodaatan, ilaalcha dogoggoraa qabaachuu ibsan.
AI haala itti fayyadamaniifi haala itti kallattii agarsiisan mijannaan kan nama gargaaru malee miidhu akka hin taane kaasuun, Itoophiyaan Imaammataafi Tarsiimoo AI kaa’achuun galma qabatte fedhii dhaloota ammaa wajjin wal simsiisnaan, maqaan badaa beelaafi gadadoon kaafamaa ture akka hafu ibsaniiru.

Kanaafis bu’uurri kaa’amuu caqasuun Giddugalli AI Amma jiruufi Yunivarsiitiin AI gara fuulduraatti Itoophiyaan bantu fedhii dhalootaan Wal gituun, biyya ittiin boonab malee ittiin saalfatan akka hin taane akka taasisu, gamanumaan Hoji maneewwan fuulduraaf ta’an waliin addeessaniiru.
Dooktar Abiyyi, AI’n hojii isaanii ammaaf kan duraanii irra daran salphisuu ibsuun Dhalootni Amma jirus akka fayyadamu jajjabeessuun barbaachisaa tahuu kaasan.
Dhalootni gaafatu, addunyaa wajjin akka dorgomu kan kaasan Abiyyi Ahimad (PhD), Dhalootni hin gaafanne garuu Addunyaa baruu irra ganduma isaa keessatti waan hafuuf dhaloota yaadatti amanee ofis jijjiiruun badhaadhina biyyaaf hojjatu horachuu keessatti gaheen hayyootaa olaanaa tahuu yaadachiisaniiru.
Malkaamuu Abbabaatu Qindeesse