Yuuniversitiiwwan qaama jijjiiramaa tahuuf mootummaa irraa eyyama eeguu hin qaban – Obbo Geetaachoo Raddaa

You are currently viewing Yuuniversitiiwwan qaama jijjiiramaa tahuuf mootummaa irraa eyyama eeguu hin qaban – Obbo Geetaachoo Raddaa

AMN PLUS – Mudde 27/2018

Yuuniversitiiwwan Itoophiyaa qorannoo qofaa osoo hin taane qaama jijjiiramaa tahuuf mootummaa irraa eyyama eeguu hin qaban jedhan Gorsaan Dhimmota Baha Afriikaa Ministira Muummee, Obbo Geetaachoo Raddaa.

Obbo Geetaachoon Kabaja Hundeeffama waggaa 75ffaa Yuunivarsiitii Finfinnee sababeeffachuun marii qophaa’e irratti yaada kennaniin seenaan hayyoota biyya keenyaa Zaaraa Yaa’iqoob irraa kaasee hanga dhaloota abdiin darbeetti nuti fiwudaalizimii injifachuu dadhabne jedheen amana jedhan.

Sababni isaa haala jijjiirratee dhimma lafaa waliin qabatee, baroota hunda keessatti mootii tahuu kan barbaadan ni mul’atu jedhaniiru. Fiwudaalizimiin ammoo gibira sassaaba malee kuusee kaappitaala uumuun guddina fiduu hin danda’u jedhan.

Mana keessaa deddeebi’ee kan ka’u tokko “mootummaan maal yaadeeraa?” gaaffii jedhu dha. Garuu, namni wabii nyaataa mirkaneessuu irratti qorannoo gaggeesse tokko, mootummaan carraa natti cufeera jechuu hin danda’u. Carraa ittiin yaada isaa gurguru uummachuu qaba jedheen amana jedhaniiru.

Saayinsistiin wabii nyaataa tokko, kan wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu hin dandeenye aangoon yoo itti kennames aangoo isaa galmaan gahuu akka hin dandeenye dubbatan.

Yuuniversiitiiwwanis ofii isaanii gurguruu qabu. “Abbabaan bassoo nyaate” jennee barsiisaa, “bassoon maalirraa hojjetama?” jennee gaafachaa dhaloota ijaaruu hin dandeenyu jedhu Obbo Geetaachoon.

Kana jechuun, barsiisonni oomishtummaa qonnaa barsiisuuf dhama’an, gadi bu’anii oomishtummaa mirkaneessuu hin danda’an taanaan bu’aa hin qabu jedhan.

Yuuniversiitiiwwan, jijjiirama akka biyyaatti mul’ate (hojii hojjetame) dinqisiifachuun isaanii gaarii ta’ee, qaama jijjiiramichaa fi kalaqaa ta’anii socho’uun immoo irraa eegama jechuun kaasan.

“Carraaqqii dhaabbilee ijaaruuf taasifamu keessatti, yuuniversitiiwwan keenya muuxannoo fudhachuu qabu” jedhu.

Akka fakkeenyaatti Yuuniversiitiin Finfinnee waggaa 75ffaa isaa gaafa kabajatu, qaama jijjiiramaa tahuuf mootummaa irraa eyyama gaafachuu osoo hin taane, dhiibbatee itti seenuun, qaama jijjiirama biyya kanaa ta’ee agarsiisuu qaba jechuun kaasaniiru.

Daraartuu Tarreessaatu Qindeesse

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply