Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa Itoophiyaa muudama Daayirektara Olaanaa Abbaa Taayitaa Biroodkaastii Itoophiyaa Aadde Haayimaanot Zallaqaa raggaasise.
Manni Marichaa walgahi bara hojii Waggaa 5ffaa, walgahii idilee 8ffaa adeemsiseen muudama kana raggaasise.
Manni Marichaa wixinee muudama Daayirektarummaa Olaanaa Aadde Haayimaanot qoratee sagalee guutuun raggaasiseera.
Aadde Haayimaanot Zallaqaa Tajaajila Oduu Itoophiyaatti gabaastuu tahuu hamma gulaaltuutti, akkasumas Korporeeshiii Biroodkaastiingi Itoophiyaatti ogummaa isaaniin tajaajilaniiru.
Hanga Daayirektara Olaanaa Abbaa Taayitaa Biroodkaastii Itoophiyaa tahuun muudamanitti Waajjira Hoji Gaggeessaa Kantiibaa Magaalaa Finfinneetti, Sadarkaa Itti gaafatamaa Itti Aanaatti Itti gaafatamtuu Damee Komunikeeshinii tahuun tajaajiluun isaanii ibsamuu isaa odeeffannoon mana marichaa irraa argame ni mul’isa.