Qopheessummaa Addis Miidiyaa Neetiwoorkiin baatiiwwan 13f gaggeeffamaa kan ture ‘Addis Talent Show’ har’a dorgommii Moo’aa Moo’attootaan goolabameera.
Dorgomtuu Sagalee kan taate Hayaat Ramadaan injifachuun badhaasa Birrii miiliyoona lamaa argatteetti.
Dorgommicha irratti morkattoonni Damee sadii (Sagalee, Taatoofi Sarkasiin) injifatanii turan waltajjii Moo’aa Moo’attootaa kanaaf gahanii dorgomaniiru.
Injifattuun dorgommicha Hayaat Ramadaan sirba walaloofi yeedaloo ofiif barreessiteen dorgomuun adda taatee mul’atte, daawwataafi abbootii murtiirraas dinqisiifannaa guddaa argatteetti.
Hayaat Ramadan barattuu Yuunivarsitii Saayinsii fi Teekinooloojii Finfinnee yoo taatu, kana dura Dorgommii ‘Addis Talent Show’ Damee Sagaleen injifachuun badhaasa Birrii Kuma 300 injifachuun ni yaadatama.
‘Addis Talent Show’ erga eegalee dargaggootni hedduun Industirii Artiitti akka ce’aniif riqicha yoo ta’u, ammas akka haaraatti dorgomsiisuuf galmeerratti argama.
Tagany Bafiqaaduutu gabaase