Sosochiin Nageenya Tiraafikaa ji’a tokkoof turu Finfinneetti eegalame

You are currently viewing Sosochiin Nageenya Tiraafikaa ji’a tokkoof turu Finfinneetti eegalame

AMN PLUS- Amajjii 1/2018

Ji’i Amajjii Yeroo taatewwan garaagaraa itti heddummaatan waan ta’eef, balaa tiraafikaa mudachuu malu dursanii ittisuuf sosochiin nageenya tiraafikaa ji’a tokkoof turu har’a Magaalaa Finfinneetti eegalameera.

Bara darbe ji’a Amajjii keessa balaan tiraafikaa olaanaan ji’a itti galmaa’e waan ta’eef, Keessumaa Lafa deemtotaa fi konkolaachistootaaf hubannoo uumuuf yaadamee sosochii gaggeeffamu ta’uu isaa Daayiretarri Itti aanaan Abbaa Taayitaa Bulchiinsa Nageenya Tiraafikaa magaalaa Finfinnee Obbo Abarraa Taarraqeny hubachiisaniiru.

Ji’i amajjii ayyaanni Cuuphaa kan itti kabajamuufi heddumminaan yeroo lammiileen sirna gaa’ilaa itti raawwatan waan ta’eef, balaa tiraafikaa dursanii ittisuuf sosochii taasifamu ta’uu, Bakka bu’aan qajeelcha Poolisii Magaalaa Finfinnee Komaander Kuraa Mulugeetaa himaniiru.

Sosochiin Nageenya Tiraafikaa Kabachiisuu kunis walta’iinsa Komiishinii Poolisii Magaalaa Finfinneefi Abbaa Taayitaa Bulchiinsa Nageenya Tiraafikaa Magaalaa Finfinneetiin kan qophaa’eedha.

Yaaddessaa Geetaachootu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply