Summaa’uu oomisha ‎”Nestle” hordofee oomishnisaa Itoophiyaatti faayidaaf akka hin oolle dhorkame

You are currently viewing Summaa’uu oomisha ‎”Nestle” hordofee oomishnisaa Itoophiyaatti faayidaaf akka hin oolle dhorkame

‎AMN PLUS- Amajjii 1/2018

‎Dhaabbatni nyaata daa’immanii oomishuun beekamu “Nestle”, omishasaa tokko irratti rakkoon summaa’uu waan mudateef biyyoota itti raabsametti faayidaa irra akka hin oolleefi oomishni isaa gabaa irraa akka sassaabamu akeekkachiisaa dabarsuu isaa Abbaa Taayitaa Soorataafi Dawaa Itoophiyaa beeksise.

‎Abbaan Taayitichaa akka beeksisetti, gosa nyaataa daa’immaniif Nestle’n oomishaman keessaa NAN Special Pro HA 0-12 ፣ Lakkoofsa Baachii 51660742F3 ፣ Bara Faranjootaa Baatii “June 15 oomishamuun tajaajilli isaa “December 15 Bara 2026 yeroon tajaajila isaa kan xumuramu, ulfaatinni isaa Giraama 800, waan summaa’eef biyyoota itti raabsame keessaa akka sassaabamuufi faayidaa irra akka hin oolle kaleessa Mudde 30 Bara 2018 akeekkachiisaa dabarsuu isaa hubachiiseera.

‎”Nestle” Abbaa Taayitichaa irraa eyyema gabaa fudhachuun kan hojjachaa jiru tahuu baatullee, haala garaa garaan gabaa keessa jiraachuu sababaa danda’uuf hawaasni oomisha caqasame bituun akka itti hin tajaajilamne Abbaan Taayitichaa yaadachiiseera.

‎Oomisha kana gama kamiinuu hawaasaaf dhiyeessuun kan dhorkame yoo tahu qaamni ykn namni kamiyyuu yoo tajaajila kana arge adda baasuun Abbaa Taayitaa Soorataafi Dawaa Itoophiyaaf akka beeksisu dhaameera.

‎Akka ibsa dhaabbatichaatti oomishaalee kanneen keessatti gosti baakteeriyaa Baasiilas Seeras jedhamu kan uumame yoo tahu kunis summii “Cereulide” jedhamu akka tahe hubatameera.

‎Dhimma kana ilaalchisee, oomishaalee Dhaabbata “Nestle” biroo irratti hojiin adda baasuu hojjatamaa jiraachuu kaasuun, odeeffannoo dabalataa akka argateen Abbaan Taayitichaa ibsa kan kennu tahuu odeeffannoo AMN’f ergeen beeksiseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply