Itoophiyaatti du’a haadholiifi daa’imman kichuu hir’isuuf tarkaanfiiwwan tarsiimawaa fudhataman bu’aa qabatamaa argamsiisaa jiraachuu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaa ibsan.
Dr. Maqdas “Baatii Fayyaa Haadhummaa” Amajjii keessa kabajamu ilaalchisuun ibsa kennaniin, waggoota muraasa darban keessatti du’a da’umsaan wal qabatee mudatu hir’isuuf tarkaan fii fudhatamaeen rakkoon fayyaafi du’aatiin akka hir’isu tumsa taasifameen lakkoofsi haadholii dhaabbilee fayyaatti da’anii dabaluu dubbataniiru.
Buufataalee Fayyaatti wallaansi baqaqsanii yaaluu eegalamuun jijiiirama fiduu ibsuun, waliingahinsi dhaabbile fayyaa babal’achuun hordoffiin da’umsa duraa akka dabalu taasisuu ibsaniiru.
Dhangala’uu dhiigaa da’umsa booda uumamu ittisuuf gumaachi arjoomtota dhiigaa olaanaa tahuu kan kaasan Dooktar Maqdas lakkoofsi tola ooltotaas guddachaa jiraachuu ibsaniiru.
Bu’aawwan hanga ammaa argaman jajjaabeessoo tahuu eeruun gara fuulduraattis fooyyeffamanii kan itti fufan tahuu ibsaniiru.
Kanaafis kalaqaafi faayinaansiin waaraa murteessaa tahuu kaasuun odeeffannoo fayyaa dijitaalaa dhaqqabaa taasisuu, galteewwan fayyaa guutuufi tajaajila wal’aansa baqaqsanii yaaluu babal’isuuf qaamolee qooda fudhattoota wajjin hojjachaa akka jiran himuu isaanii TOI’tu gabaase.
Baatiin Fayyaa Haadhummaa baranaa akka addunyaatti yeroo 39ffaa, akka Itoophiyaatti yeroo 20ffaaf, “Kalaqaafi Faayinaansii Waaraa Fayyaa Haadhummaaf” mata duree jedhuun kabajama.