Walga’iin idilee 51ffaa Koree Dhaabbii Gamtaa Afrikaa nageenya bishaan Afrikaa (PRC) irratti xiyyeeffate har’a Magaalaa Finfinneetti akka jalqabamu ibsame.
Walgahin kun mata duree “ Dhiyeessii Bishaanii Itti Fufiinsaa Qabuufi Nageenyi Isaa Eegame Akkasumas Qulqullinaafi Seerota Eegumsaa Bishaanii Mirkaneessuu, Milkaa’ina Galma Ajandaa Bara 2063” jedhuun Gamtaan Afrikaa kan qopheesse ta’uu ibsameera.
Yaadni ijoon marii kanaas nageenyaafi eegumsa qulqullina bishaan Afrikaa irratti kan xiyyeeffatee yoo ta’u, marii kana irratti Gamtaa Afrikaafi Hoggantootni Gamtichaa, biyyoota miseensota gamtaa Afrikaa, Ambaasaaddaroota fi Dipiloomatootni akka hirmaatan odeeffannoon gamticharraa argame ni mul’isa.
Marii kanarrattis wixinee Mana Maree Koree Raawwachiiftuu Gamtaa Afrikaa 48ffaa Gurraandhala 4 fi 5 Bara 2018 adeemsifamu akkasumas yaa’ii hoggantoota Gamtichaa 39ffaa Gurraandhala 7 fi 8 Bara 2018 adeemsifamu irratti ni mari’atama jedhamee eegama.
Dabalatanis koreen gabasa bara 2025 kan dhaabbilee Gamtaa Afrikaa jalatti argaman dhiyeessanii akka dhaggeeffatanis ibsameera.
Nageenyaafi Tasgabbii, Daldala Bilisaa Ardii Afrikaafi walitti hidhaminsa diinagdee, riifoormii dhaabbilee fi karoora baajataa ilaalchisee sanadoonni akka dhiyaatanis ibsameera.
Koreenis yaada marii Gamtaa Afrikaa kan bara 2026 irratti yaada ni kenna jedhamee eegama.
Walga’iin Koree Dhaabbii Gamtaa Afrikaa 51ffaan haga Amajjii 22 bara 2018 akka turu odeeffannoon Gamtaa Afrikaa irraa argame ni mul’isa.