Riifoormiin diinagdee gooroo Itoophiyaa, invastaroota biyya alaa hawwateera- Obbo Ahimad Shidee

You are currently viewing Riifoormiin diinagdee gooroo Itoophiyaa, invastaroota biyya alaa hawwateera- Obbo Ahimad Shidee

AMN PLUS- Amajjii 6/2018

Riifoormiin diinagdee gooroo Itoophiyaan taasifte daldala biyyoota alaa waliin babal’isuu fi invastaroota biyya alaa hawwachuuf carraa guddaa akka uume Ministirri Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee ibsan.

Giddu galli Gabaa Kuwiins, Garee Invastimantii Midrook jalatti argamu, Dhaabbata Daldalaa Idil-addunyaa biyya Faransaayi Keer Foor “Carrefour” waliin waliigaltee waliin hojjachuu mallatteessaniiru.

Fooyya’insi diinagdee gooroo Itoophiyaan taasifte bu’aa qabatamaa argamsiisaa jiraachuu isaa Obbo Ahimad Shidee ibsaniiru.

Fooyya’insa diinagdee kana hordofuun dhaabbileen dandeettii qaban gara biyyaa Itoophiyaa dhufaa akka jiran kan eeran Obbo Ahimad Shidee, Gareen Keerfoor Faransaay kanaaf fakkeenya ta’uu isaa kaasaniiru.

Waliigaltee dhaabbilee lameen gidduutti taasifameen lammiileen Itoophiyaa oomisha qulqullina qabu akka argatan kan taasisuu fi oomishni Itoophiyaa gabaa addunyaatti akka dhiyaatu carraa kan uumu ta’uu isaa dubbataniiru.

Hoji Raawwachiisaan Olaanaan Garee Invastimantii Miidrook Obbo Jamaal Ahimad gama isaaniitiin, waliigaltichi kunis oomisha biyya keessaa daldala gabaa idil-addunyaa haala madaaluun qulqullinaan dhiyeessuuf kan gargaaru ta’uu ibsaniiru.

Haalli kunis Itoophiyaa oomisha qulqulluu dhiyeessuuf gabaa addunyaa irratti dorgomaa akka taatuuf carraa olaanaa kan uumu akka ta’e kaasaniiru.

Waliigalteen kunis Miidrook gabaa addunyaaf oomishaalee isaa kanneen akka bunaa, shaayii, mi’eessituu adda addaa, Abaaboo fi fuduraalee adda addaa karaa neetworkii gabaa idil-addunyaa Keerfooriin dhiyeessuuf haala mijataa akka uumus Obbo Jamaal dubbataniiru.

Hoji Raawwachiisaa olaanaan Dhaabbata Keerfoor Idil Addunyaa Paatrik Lasfargus akka jedhanitti, manneen daldalaa gurguddoon Kuwiins keessa jiran saffisaan daldalatti galuuf maqaa Kaarfoor jedhuun manneen daldalaa dabalataa 17 banuuf akka karoorfame ibsaniiru.

Beekumsa sadarkaa olaanaa Miidrook damee kanarratti qabuu fi muuxannoo idil-addunyaa Keerfoor walitti fiduun maamiltoota Itoophiyaaf oomisha qulqullina qabu gatii madaalawaan dhiyeessuuf akka hojjetan dubbataniiru.

Oomishaalee nyaataa fi kanneen biroo gatii madaalawaadhaan salphaatti akka dhaqqabamu gochuu bira darbee oomishaalee akka bunaa, kan Itoophiyaan ittiin beekamtu, gabaa addunyaatiif baay’inaa fi qulqullina olaanaadhaan ni dhiyeessuufis akka hojjetan eeraniiru.

Biyyoota 40 keessatti iddoo daldalaa kan qabu gareen Keerfoor Itoophiyaattis hojii jalqabuun isaa oomisha biyyattii gabaa addunyaa irratti beeksisuufis gumaacha guddaa akka qabu ibsaniiru.

Mahaammad Toofiqitu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply