Manni Maree Federeeshinii Guyyaan Sabootaa, Sablammootaafi Uummattoota Itoophiyaa 20ffaan karaa miidhagaafi milkaa’aa ta’een akka kabajamuuf qaaamolee gumaacha taasisaniif beekamtii kenne.
Af-Yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Aganyawu Tashaagar “Sadaasni 29 yeroo olka’insi biyya keenyaa mirkanaa’aa jirutti kabajamuun isaa ayyaanicha adda taasisaa” jedhaniiru
Kunis inni guddaan tokko bara hidha haaromsaa guddicha Itoophiyaa xumuramuun itti eebbifame ayyaanni kuni kabajamuun akka adda isa taasisu Obbo Aganyawu ibsaniiru.

“Gama biraatiin yeroo biyyi keenya misooma kooriidariitiin miidhagdee jirtutti ta’uufi hawaasni biyya keenyaa rakkoo isaa ofiin furachuuf marii biyyoolessaa taasisaa jirutti ta’uun isaa adda isa taasisas” jechuun dubbataniiru.
Dabalataanis, “Miidiyaaleen biyyattii hundi xiyyeeffannoo itti kennanii ayyaanicha gabaasuun miidhaginni ayyaanichaa daran addunyaatti ifee akka mul’atu taasisaniiru” kan jedhan Obbo Aganyawu Tashaagar, miidiyaalee hunda galateeffataniiru.
Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee, Naannolee fi namoonni dhuunfaa milkaa’ina Ayyaanichaaf gumaacha olaanaa taasisuu isaanii ibsaniiru.
Abdiisaa Fufaatu gabaase