Magaalota Gurguddoo Afriikaa 6 keessaa 1ffaa kan baate, Finfinnee

You are currently viewing Magaalota Gurguddoo Afriikaa 6 keessaa 1ffaa kan baate, Finfinnee

AMN PLUS – Amajjii 14/2018

Qorannoo fayyadamaafi bulchiinsa Faayinaansiitiin Finfinneen magaalota gurguddoo Afriikaa 6 keessaa 1ffaa taateetti.

Qorannoo kana eenyutu geggeesse, maaliin fooyyoftee argamte?

– Qorannicha Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Komishiniin Diinagdee Afriikaa (UNECA) geggeesse

– Qorannichi raawwii bulchiinsa faayinaansii (Financial Management) magaalota Afriikaa irratti xiyyeeffata

– Qorannoon kun magaalota Afriikaa gurguddoo jaha irratti yoo ta’u, Finfinnee, Naayiroobii (Keeniyaa), Daaresalaam (Taanzaaniyaa), Lusaakaa (Zaambiyaa), Kiigaalii (Ruwaandaa), akkasumas Yaawundee (Kaameruun) irratti gaggeeffame

– Magaalonni kunneen ulaagaa ittiin madaalaman jaha keessaa, Finfinneen Shan milkeessuun 1ffaa taatee, magaalota kaaniif muuxannoo akka qoodduuf filamte

Finfinneen qabxiilee akkamii galmeessite?

– Galiifi bulchiinsa faayinaansii ammayyeessuuf riifoormiin eegalte bu’aa buusuufi magaalota Afriikaaf fakkeenya ta’uusaatiin

– Galii waliigalaa sassaabdu keessaa %71 hojiilee misoomaaf oolchuun

– Fayyadamummaa waarawa lammiilee mirkaneessuun

– Bulchiinsa faayinaansii ammayyaa fi bu’a qabeessa ta’e qabaachuusheen

Finfinneen magaalota kaanirraa bu’aa qabatamaa galmeessuu isheen 1ffaa yoo taatu, faayinaasiifi galii irratti gahumsashee akkamiin akka guddiste Kantiibota Afriikaa biroof har’a muuxannoo qooddeetti.

Waltajjichis egeree magaalota Afriikaa waliin kan itti bocame, guyyaa seena qabeessa ta’uu eerameera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply