AMN PLUS- Amajjii 17/2018
Dorgommii fiigicha daandiirraa kiiloomeetira 10 guyyaa har’a magaalaa Hawaasaatti taasifameen dhiirotaan Atileet Hagoos Gabrahiwoot dorgommicha daqiiqaa 28 fi sekondii 2 fi maayikiroo sekondii 94’tti galuun 1ffaa ba’uun injifateera.
Dorgommichaan Atileet Gammachuu Didhaa 2ffaa yoo ba’u Atileet Alii Qaasim 3ffaa ba’uun xumureera.
Ramaddii dubartootaan Atileet Biqilee Anbassee dorgommicha daqiiqaa 32 fi sekondii 24 fi maayikiroo sekondii 16’tti xumuruun injifatteetti.
Atileet Guutanii Shaanqoo fi Atileet Sawu’aarag Hayimaanot ammoo 2ffaa fi 3ffaa ba’aniiru.
Dorgommii fiigicha daandiirraa Itoophiyaa 1ffaa kanarratti Atileetonni 173 hirmaachuun ibsameera.