Finfinneetti dargaggoota hojii barbaadan 180 ogummaan leenjisuun hojiitti akka galan taasifaman

You are currently viewing Finfinneetti dargaggoota hojii barbaadan 180 ogummaan leenjisuun hojiitti akka galan taasifaman

‎AMN PLUS-Amajjii 16/2018

‎Biiroon dargaggoofi Ispoortii Magaalaa Finfinnee Gamoo abbaa darbii afurii dargaggoota hojii dhabeeyyii tajaajilu Kutaa magaalaa Lidataatti ijaarsise eebbisuun tajaajilaaf qopheesseera.

‎Kana malees dargaggoota hojii dhabeeyyii ogummaa gara garaan leenjise Eebbiseera.

‎Dargaggoonni hojii dhabeeyyiin jiraatttota kutaa magaalaa Lidataa ta’an kunneen ji’oota ja’an darban gosoota Ogummaa gara garaan leenji’aa akka turanis ibsameera.

‎Hogganaa Itti Aanaan Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Magaalaa Finfinnee Obbo Kibraalam Damissee dargaggoonni hojii dhabdummaan akka hin dararamne mootummaan kan hojjetuun cinatti dhaabbilee deeggartootaa waliin ta’uunis hojii bu’a qabeessa hojjetaa akka jiran dubbatan.

‎Hoggantuun Dhaabbata ILSOLE Damee Itiyoophiyaa Nikitaa Piroontii akka jedhanitti Pirojektiin isaanii dhaabbilee deggartootaa biroo waliin ta’uun dargaggoota carraa hojii dhaban adda baasuun akkaataa hojiitti galuu danda’anif haala mijeessa jiraachuu ibsan.

‎Haaluma kanaan dhaabbatni isaanii kolleejota sadii deggaruun meeshaalee leenjiifi dandeettii kenniinsa leenjii cimsuun hojii dhabdummaa hir’isuu irratti hojjetaa akka jirus kaasaniiru.

‎Guyyaa har’aas dargaggoota hojii dhabeeyyii 180 gosoota ogummaa Nyaata qopheessuu, huccuu Omishuu,omisha bu’aalee gogaa fi rifeensa miidhagsuu irratti ji’oota ja’aaf leenjise eebbisuun hojiitti akka galan taasisaa jirachuus himaniiru.

‎Biyyi kan guddattu yoo dargaggootarratti hojjetan kan jedhan, bakka bu’aan dhaabbata AMEN Paastar Firaankoo Roveeliyaa dargaggootaaf xiyyeeffannaan kennamuu qaba jedhaniiru.

‎Dargaggoonni eebbifamanis ogummaa argatanin cimaanii hojjetanii jijjiirama mul’isuun fakkeenya ta’uuf akka qopha’anis ibsaniiru.

‎Dargaggoonni biroos muuxannoo isaanii qooddachuun ogummaalee gara garaa horachuun hojiitti galuu akka qaban dhaamaniiru.

‎Anuwaar Firriisaatu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply