AMN PLUS– Amajjii 21/2018
Ajandaan 2063 Gamtaa Afriikaa kaayyoo ijoo torba kan of keessatti hammatu yoo ta’u, isaanis:
Afriikaa Badhaate
Afriikaa guddinni hunda hammatu itti mirkanaa’e, hiyyummaan keessaa dhabamsiifamee fi misoomni itti fufiinsa qabu itti mirkanaa’e.
Ardii Gurmoofte
Afriikaa siyaasaan gurmoofte, ilaalcha Paan-Afriikaaniizimiifi mul’ata haaromsa Afrikaa irratti hundoofte.
Bulchiinsa Gaarii
Afrikaa diimokraasii, mirgi namummaa, haqaa fi ol’aantummaa seeraa keessatti mirkanaa’e.

Afriikaa Tasgabooftee fi Nageenya qabdu:
AfriIkaa waldhabdee hunda dhabamsiisuuf galma kaa’atte.
Eenyummaa Aadaa Cimaa
Afriikaan aadaa eenyummaa cimaa ta’e hambaalee fi duudhaalee waliinii fi naamusa hawaasummaa qabdu.
Misooma Uummataan Hogganamu:
Misooma humna uummata AfrIikaa irratti, addatti immoo dubartootaa fi dargaggootaa irratti hundaa’e.
Afriikaa addunyaa irratti gahee olaanaa qabdu:
Afriikaa waltajjii addunyaa irratti gamtoofte, dandamattuu fi michuu dhiibbaa uumuu dandeessu ta’uun dhiyaattu
Madda: Gamtaa Afriikaa