UN kutannoo Itoophiyaan nageenya addunyaaf mul’ifteef galateeffate

You are currently viewing UN kutannoo Itoophiyaan nageenya addunyaaf mul’ifteef galateeffate

AMN PLUS- Amajjii 21/2018

Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomaniii kutannoo Itoophiyaan nageenya addunyaa mirkaneessuuf mul’ifteef galateeffateera.

Itoophiyaan tasgabbii nageenyaa idil addunyaa qajeeltoo murtaassaa ta’eef gumaacha taasisteef UN beekamtii kenneera.

Biyyattiin Ashaaraa nageenyaa ishee waggoota 60 dura, ALA’tti bara 1960moota irraa eegaluun ergama nagaa kabachiisuu keessatti hirmaachuun kan beekamtu ta’uu eereera.

Yeroo ammaa Ergama Nagaa UN’f biyyoota humna namaa gara naannolee addunyaa walitti bu’iinsi hammaatuutti bobbaasan keessaa Itoophiyaan namoota 1500 bobbaasuun sadarkaa 1ffaa hanga 10ffaa keessatti akka argamtu eereera.

Itoophiyaan Imala nagaa kabachiisuu UN irratti hirmaachuu kan eegalte bara 1960, ergama nagaa kabachiisuu Koongootti yoo ta’u, ergasiis Chaartara dhaabbatichaa kabajuu fi kabachiisuu keessatti kutannoo agarsiisaa akka turte ibseera.

Keessumaa bara 2016 hanga 2019tti Abiyee, Laayibeeriyaa fi Daarfuritti humna namaa lakkoofsaan addunyaa irraa isa olaanaa ta’e bobbaasuu beeksiseera.

Yeroo ammaas poolisii fi miseensotni Raayyaa Ittisa Biyyaa Kuma Tokkoo fi 527 ergama nagaa kabachiisuu UN irratti hirmaachaa akka jiran ibseera.

Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomanii (UN) dubartootni Itoophiyaa 164 hirmaannaa ergama nagaa kabachiisuu irratti taasisaniif beekamtii kenneera.

Beekamtiin isaaniif kenname kunis ifatti mulachuun isaa amantaa cimaa hawaasa naannoo keessatti kan uumeefi haala rakkisaa keessatti ilaalcha korniyaa kan fooyyesse akka ta’es ibsameera.

Gumaacha olaanaa ergama nagaa buusuu addunyaa irratti taasisteef UN Itoophiyaa galateeffachuu odeeffannoon UN irraa argame ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply