AMN PLUS- Amajjii 22/2018
Milkaa’ina Ayyaana Hundeeffama Waggaa 90ffaa Humna Qilleensaa Itoophiyaaf miseensota Raayyaafi hojjettoota Siivilii dhaabbatichaa gumaacha olaanaa bahataniif beekamtiin kenname.
Ajajaa Olaanaan Humna Qilleensaa L/Jeneraal Yilmaa Mardaasaan, Ayyaanichi akkuma karoorfametti simboo guddaan olka’iinsa Itoophiyaa mul’isee kabajamuu isaaf miseensotni dhaabbatichaa gahee guddaa taphachuu ibsan.

“Itoophiyaan addunyaa irratti ayyaanichaan boonteetti, tumsa walootiin milkeessine” jedhan.
Ayyaanichaan Itoophiyaan kan yeroo kamiiyyuu caalaa hidhannoo teekinooloojiitiin ammayyaa’ee, humna namaa leenjii ammayyaa hidhateefi tokkummaan hojjetu horachuushee agarsiiseera jedhaniiru.
Milkaa’ina kanaafis miseensota Raayyaafi hojjettoota Siivilii dhaabbatichaa galateeffachuu Odeeffannoon Raayyaa Ittisa Biyyaa irraa nu dhaqqabe ni mul’isa.