Waajjirri Paartiin Badhaadhinaa Damee Naannoo Amaaraa Filannoo Biyyaalessaa Marsaa 7ffaaf Qophii Taasisaa Jiraachuu Beeksise

You are currently viewing Waajjirri Paartiin Badhaadhinaa Damee Naannoo Amaaraa Filannoo Biyyaalessaa Marsaa 7ffaaf Qophii Taasisaa Jiraachuu Beeksise

AMN PLUS- Guraandhala 10/2018

Waajjirri Paartiin Badhaadhinaa Damee Naannoo Amaaraa Filannoo Biyyaalessaa Marsaa 7ffaarratti Mallattoo Ittiin Dorgomu Sagantaa Beeksisuu Gaggeessera.

Saganticha Irratti Argamuun Ergaa Kan Dabarsan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Amaaraa Obbo Araggaa Kabbadaa Filannoon Ijaarsi Sirna Dimookiraasii Kan Itti Bu’uura Godhatuufi Birmadummaan Uummataa Kan Itti Mirkanaa’uu Waan Taheef Xiyyeeffannoon Addaa Itti Kennamuun Hojjetamaa Jiraachuu Ibsaniiru.

Obbo Araggaan Itti Dabaluun Filannoon Biyyaalessaa Marsaa 7ffaan Sagaleen Uummataa Qixa Sirriin Kan Itti Kabajamu, Haqa Qabeessummaan Kan Ittti Mirkanaa’u Akka Tahuuf Qophiin Hundii Taasifamuu Hubachiisaniiru.

Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Amaaraa Obbo Yirgaa Sisaay Gama Isaanitiin Paartichi Yaadama Ida’amuu Biyyaalessaan Durfamuun Waadaa Gochaan Agarsiisaa Jiraachuu Ibsuun Mallattoo Paartii Badhaadhinaa ‘Nadoo Qamadii’ Tahuu Miseensotaafi Uummata Naannichaaf Ibsaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply