AMN PLUS – Guraandhala 10/2018
Firaansi, Naannoo Vaawulilas keessatti namtichi ofii daandii irra jiraatu osoo konkolaataa gati-jabeessa, doolaara Ameerikaa kuma 200 fi kuma 50 baasu “Ferrari” osoo oofuu tibbana to’atame toora miidiyaalee hawaasummaan ijoo dubbii tahee wal-harkaa fuudhamaa jira.
Namni konkolaataa gatii qaalii “Ferrari Portofino” jedhamuun beekamu kana osoo oofuu poolisiin qabame kun mana keessa jiraatu kan hin qabneefi deeggersa mootummaan taasisuufiin jireenya isaa gaggeeffatu kun konkolaataa diimaa dureeyyiin idil Addunyaa muraasni qabatan, hedduun ammoo bituuf hawwan “eessaa fide, akkamiin kan isaa taasifate” gaaffiin jedhu poolisii isa to’ate akkasumas namoota dhimmicha itti dhiyeenyaan hordofan ajaa’ibsiisuu hin oolle.
Poolisiin ajaa’ibsiifatee hin dhiisne, dhimmicha qorachuu itti fufe. Feraarii diimtuu sa’aatii tokko keessatti Kiiloo Meetira 250 kaattu kun tasumaa namticha daandii irra jiraatu kana waliin waan wal qabatu hin qabu. Qabeenyummaan konkolaataa kanaa maqaa isaan galmaa’ee hin jiru. Hojii hin qabu, qabeenya hin qabu, galii hin qabu.

Konkolaataan ispoortii miidhagduu fi saffistuu kun kan haadha isaa ta’uu ibse. Poolisiin Firaansi qorannoo isaa itti fufuun yoo ragaalee haadha isaa sakattaa’u haadha qabeenyaa dhaabbata ijaarsaa (reel-estate) ta’uu ishee ibsa. Feraariin kun maqaa haadha isaa fi obboloota isaa lamaan galmaa’ee jira.
Namni kun daandii irra haa jiraatu malee maatiin isaa kanaan dura yakka galii isaanii dhoksuun gibira waliin dha’uun shakkamanii barbaadamaa turan.
Innis kanuma dhoksuuf ta’innaa kan daandiitti ba’e jechuun poolisiin shake, qorannoo isaa itti fufe, haalli itti maatiin isaa jiraatan qananiin kan guutame ta’uu mirkaneeffate. Nyaata dhandhama mi’aawwaa arrabatti toluu fi filatamaa bitu, yeroodhaa yeroottis bakkeewwan hawwata tuuristiifi bashannanaa daawwatu.

Haa ta’u malee waraqaarra ragaan jiru hojii kan hin qabne ta’uu isaanii, jireenyi isaanii sadarkaan gadi bu’aa ta’uun fayyadamtoota deeggersa maallaqaa mootummaan taasifamuu ta’uu isaanii ragaan poolisiin argate ibseera.
Hojii isaanii riil isteetii irraas ta’e kan biraa irraa tasumaa gibira kaffalanii hin beekan. Kun ammoo biyyattiin galii doolaara miliyoona 2.1 akka dhabdu taasisuu, galii maddi isaa hin beekamne doolaara miliyoona 1.9 qabaachuu dabalatee miseensa maatii isaanii daandii irra jiraatu waliin to’atamanii qoratamaniiru.
Dhimmi isaaniis mana murtii qaqqabuun, gocha yakkaa ittiin shakkamanii himatamanis; hojii hin galmeeffamne hojjachuu, maallaqa hangi isaa baay’ee ta’e waliin dha’uu fi qabeenya kaampaaniitti gara malee dhimma ba’uu fi malaammaltummaa tahuu bu’aan qorannoo ibseera .
Haala kanaan, konkolaataan ispoortii gatii qaalii taate kun jireenya namticha daandiirra jiraatuufi maatii maatii isaa gaaga’uu BBC fi Oddity Central gabaasaniiru.
Malkaamuu Abbabaatiin