Finfinneen ni galateeffatti!

You are currently viewing Finfinneen ni galateeffatti!

AMN PLUS- Gurraandhala 11/2018

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen qaamolee milkaa’ina Yaa’ii Hoggantoota Gamtaa Afrikaa 39ffaa fi Yaa’ii Itaalii-Afrikaa 2ffaa keessatti qooda olaanaa bahataniif sagantaa galateeffannaa qopheessan.

“Aadaa hojii 24/7 tiin giddugala diploomaasii addunyaa kan taate Finfinnee, caalatti qulqullooftuu, miidhagduu, nagaa qabeettiifi gahuumsa tuuristii addunyaa gama taasisuun ashaaraa guddaa dhaabbilee keettaniif galata keenya olaanaa isiniif dhiheessa.” jedhan.

Amma irratti Finfinneen nageenyummaa isheetiin misooma itti fufaa isheetiin magaalaa hedduun dinqisiifatan taatee jiraachuu himan.

“Kunis aadaa hojii jijjiirameen guutuu uummata keenyaa waliin ta’uun hojii hojjenneen milkaa’ina argameedha” jedhaniiru.

Yaa’iin hooggantoota Gamtaa Afrikaa 39ffaan baranaa, akkasuma yaa’iin hoogantootaa Itaalii-Afrikaa haala kana dura baramerraa adda ta’een karaa baay’ee miidhagaa fi seena qabeessa ta’een akka xumuramuuf gumaacha kan taasisan dhaabbilee fi jiraattota magaalaa Finfinneef sagantaa galataa fi beekamtii har’a galgala miidhagee kan ijaarame pilaazzaa Bunaa Kaazaanchisitti gaggeessinee jirra jedhan.

“Guutuu jiraattota magaalaaa keenyaa dabalatee, hooggantootni hojjettootni, dhaabbileen, humnootni tasgabbii magaalaa fi federaalaa tumsaan hojii ajaa’ibsiisaa hojjettaniif onneerraa isin galateeffadha” jedhan Kantiibaa Adaanech.

Keessattuu Uraa’eel irraa -Boolee Biraas hojii misooma koriidarii irratti kan hirmaattaniifi haala mijeessitan hooggantoonni,hojjettoonnii fi dhaabbileen akkasumas hojichaaf tumsa gaarii kan taasistan abbootiin qabeenyaa hundi maqaa koo fi maqaa bulchiinsa magaalaatiin onneerraa isin galateeffadha.

Finfinneen yeroo kamuu isin galateeffatti jedhaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply