AMN PLUS- Guraandhala 11/2018
Yaadama ida’amuun hogganamuun inisheetiivota jiran qixaan hojiitti hiikuu gargaaramnaan yeroo gabaabaa keessatti hiyyummaa injifachuun badhaadhina milkeesssuun akka danda’amu Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa ibsan.
Obbo Shimallis Abdiisaan haasaa eebba pirojektii misooma jallisii Qeexoo irratti taasisaniin, mootummaan jijjiiramaa waggoottan darban cabiinsa dinagdee biyyattii suphuuf hojjechaa akka ture yaadachiisaniiru.
“Bishaan gahaan osoo jiruu bishaan hogganuu dhabuun hiyyummaaf nu saaxilee jira” kan jedhan obbo Shimallis, kana akka hoggannuufi kunuunsinu akkasumas jallisiifi paampiin namni qe’ee isaatti qusachuun akka hojiitti galuuf hojjatamaa jiraachuu ibsaniiru.
“Biyyee gabbataa albuuda of keessaa qabu qabna” kan jedhan obbo Shimallis, hojii misooma sululaa hojjechuunii fi ashaaraa magariisaa hojiitti hiikuun hojiin biyyeetti dhimma ba’uu hojjetamaa kan jiru ta’uu kaasaniiru.
Godinaaleen Lixa Oromiyaatti argaman albuuda akaakuu garaa garaa kan qaban waan ta’aniif, qabeenya kana irratti hojjachuun uummataa fayyadamoo taasisuun akka danda’amu ibsaniiru.
Pirezidaanti Shimallis Godina Wallagga Bahaa Aanaa Diggaatti eebba Warshaa Dhagaa Cilee Arjoorratti argamuunis haasaa taasisaniin nagaan waarofnaan lafti Oromiyaa Lixaa waa maraan guute badhaadhina biyyaa akka milkeessu ibsaniiru.
Itti dabaluunis, fayyadamummaa uummataa mirkaneessuuf warshaan dhagaa cilee waggaatti toonii miliyoona 1.2 oomishuuf hojii jalqabe agarsiiftuudha” jedhan.
Dinagdee damdaneessa dhugoomsuuf misooma Albuudaaf xiyyeeffannaa kennameen milkaa’inni argamaa jiraachuu himaniiru.
Uummatni nageenya naannawaa isaa tikfachaa misooma tumsuu Qabaanis Obbo Shimallis Abdiisaa dhaamaniiru.
Malkaamuu Abbabaatiin