AMN PLUS – Guraandhala 11/2018
Dubartootni Damee Dinagdeen Fayyadamoo, Siyaasa Keessatti Ammoo Hirmaannaa Gaarii Akka Qabaataniif Hojjetamaa Jiraachuu Biiroon Dhimma Dubartootaa, Daa’immaniifi Hawaasummaa Beeksiseera.
Hoggantuun Biiricha Aadde Qonjit Dabalaa Guyyaa Dubartootaa Akka Idil Addunyaatti Yeroo 115ffaaf, Akka Itoophiyaatti Ammoo Yeroo 50ffaaf Kabajamu Ilaalchiisuun Ibsa Kennaniiru.
Guyyichi Mata Duree ‘Sagalee Dubartootaa Wal-Qixxummaafi Itoophiyaa Badhaateef’ Jedhuun Kan Kabajamu Tahuu Kan Ibsan Aadde Qonjit Bulchiinsi Magaalaa Finfinnees Dubartoota Damee Dinagdeen Fayyadamoo Taasisuuf Xiyyeeffannoo Kennee Hojjechaa Jiraachuu Kaasaniiru.
Almaaz Mulugeetaa gabaase