“Uummatni Keenya Nagaa Jaallaata” – MM Abiyyi Ahimad (PhD)

You are currently viewing “Uummatni Keenya Nagaa Jaallaata” – MM Abiyyi Ahimad (PhD)

AMN PLUS- Guraandhala 11/2018

“Uummatni Keenya nagaaf xiyyeeffannaa guddaa waan qabuuf galgalaafi ganama nagaan na bulchiif na oolchiin waaqaa isaa kadhata” jedhan Ministirri Muummee Abiyyi FDRI Ahimad (PhD).

Dooktar Abiyyi, uummatni nagaafi jaalalaaf xiyyeeffannaa addaa kennuuf maqaa ijoollee isaanii Nagaasoo, Nagaasaa jedhan moggaasu jedhaniiru.

Nageenya barbaaduuf Nagaasoofi Nagaasaa qofa moggaasanii kan hin dhiisnee, yoo nagaanillee bora’ee araara buusuuf Araarsaa jedhanii maqaa ijoollee isaanii akka moggaasan ibsaniiru.

Wal-dhabdeen kamiyyuu duudhaa kaleessa uummatni qabuun mariin furamuu akka qabus Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) kaasaniiru.

Nagaan waa hundaa caalaa barbaachisaadha kan jedhan Dooktar Abiyyi, misooma amma Godinaalee Wallaggaatti daawwannee kanallee arguuf akka gargaaru himaniiru.

Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) nagaan dhagaa golee waa maraa tahuu hubachiisuun qaamolee balbala mootummaan nageenyaaf baneetti fayyadamuun daandii nagaa filachuun galan galateeffachuun warreen hafanis faanuma kana akka hordofan dhaamaniiru.

Shuumii Badhaasootiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply