Foormulaa haaraa Herregaa kan argate Kennaasaa Dastaa maalirra jira?

You are currently viewing Foormulaa haaraa Herregaa kan argate Kennaasaa Dastaa maalirra jira?

AMN PLUS- Sadaasa 5/2018

Godina Gujii Aanaa Sabbaa Boruutti dhalatee kan guddate Kennaasaa Dastaa Foormulaa haaraa Muummee barnoota Herregaa kan garagarummaa Laakkofsa lama jidduu jiru beekuuf gargaaru argatuun ijoo dubbii ta’ee ture.

“Ijoollummaa koorra kaasee waan naannawa koofi barnootaarra jirurratti waan haaraa dabaluuf tattaaffii taasisaa ture” kan jedhu Kennasaan, gaaffileen Muummee barnoota Herregaa keessa jiran addatti Karaa salphaan garagarummaa Laakkofsa lama jiddu jiru beekuuf nu gargaaru akka argadhuuf gargaaree jechuun turtii AMN PLUS waliin taasiseen dubbateera.

Foormulaa kanas Yeroo Mana Barumsaa Bultii Waldaa Misooma Oromiyaatti barataa ture argachuun Yuuniversitii Saayinsiifi Tekinooloojii Adaamaa, Yuuniversitii Arsiifi Godina Gujiirraa badhaasaa, beekamtiifi Waraqaa ragaa argachuus dubbata.

Mana barnootaa Waldaa Misooma Oromiyaarra qabxii gaarii galmeessuun Yuuniversitii Jimmaa Istitiyuutii Tekinooloojiitti barachuu kan himu Kennaasaan, ammas haala Ijaarsa Gamoo kan ammaa itti gargaaramaa jirruun alatti mala salphaa qabeenya Ijaarsa gamoof oolan yoo diigames deebisanii ijaarsaaf oolchuu dandeessisu Dizaayinii guutuu xumuruun Magaalaa Darmeetti yaalii taasisaa jiraachuu AMN PLUS’tti himeera.

Yeroo hunda Waanuma haaraa argachuuf carraaqa kan jedhu Abbaa Kalaqa garaagaraa kun, Ujjummooo guyyatti jiddu galeessaan bishaan Liitira Kuma 70 ol qulqulleessuu Dizaayinii guutuu xumuruun hojii eegaluu akka jedhu ibseera.

Kalaqa guyyaa guyyaan jireenya Lammiilee fooyyessan hojjachaa jirus, karaa maxxansaalee Idil addunyaatiin beeksisuun abjuu ijoolummaasaa Saayintistii beekamaa ta’uu akka barbaadus AMN PLUS Sagalee Dhalootaatti himeera.

Namoomsaa Baalliitiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply