Maagaalonni agarsiistuu badhaadhina biyyaafi madda qaroominaa akka ta’aniif xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan Ministirri Ministeera Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saanii.
Adde Caaltuun Fooramii Magaalota Itoophiyaa 10ffaa Magaalaa Samaraa Loogiyaatti gaggeeffamaa jiru ilaalchisuun ibsa Miidiyaaleef kennaniiru.
Fooramiin Magaalotaa Itoophiyaa 10ffaa Guyyaa lammaffaa kan lakkoofsise yoo ta’u, fooramichi Magaalota jidduutti miira dorgomummaa kan uumu ta’uu Aadde Caaltuu Saanii eeraniiru.
Guddinnaafi jijjiiramni biyyaa akka ariifatuuf manni hojii ministeerichaa cichoominaan hojjechaa jiraachuus himaniiru.
Hojiin misoomaa magaalotaatti hojjetamaa jiru maqaa gaarii biyyaa akka ijaaraaniifi jiruuf jireenya lammiilee akka jijjiiraniifis hojjetamaa jiraachuu Misoomni koriidarii magaalotaafi baadiyyaa biyyattiitti eegalame agarsiistuu gaarii ta’uus Aadde Caaltuun ibsaa Miidiyaaleef kennaniin dubbataniiru.
Sisaay Dirribaatu Gabaase