Mootummaan jijjiiramaa carraa wal qixxummaan dubbachuu mirkaneesseera- Buzaayyoo Dagafaa (PhD)

You are currently viewing Mootummaan jijjiiramaa carraa wal qixxummaan dubbachuu mirkaneesseera- Buzaayyoo Dagafaa (PhD)

‎AMN PLUS-Sadaasa 16/2018

‎Heerri mootummaa FDRI sanada Saboota, Sablammootaafi Uummattoota Itoophiyaa akka walqixa fayyadaman taasise ta’uu Hayyuun Saayinsii Siyaasaa Buzaayyoo Dagafaa (PhD) ibsan.

‎Heerri mootummaa sadaasa 29 Bara 1987 kan raggaasifame gaaffii eenyummaa deebisuuf akka ta’e Dooktar Buzaayyoo Dagafaa turtii AMN PLUS Qophii Marabbaa irratti taasisaniin dubbataniiru.

‎Gaaffii eenyummaa deebisuu keessatti heerri Mootummaa gahee guddaa akka qabu Dooktar Buzaayyoon himaniiru.

Kanaanis,”afaan, aadaafi seenaan walqixa waan ta’aniif namni amantaa barbaade hordofuudhaaf mirga guutuu qabaachuu heera Mootummaa FDRI tiin raggaasifamuufi kunis kan kabajamaa jiru akka ta’e dubbatniiru.

‎”Heerri mootummaa ammaa cunqursaa sirnoota duraanii hambisuun Sabootni, Sablammootniifi uummattootni Itoophiyaa heera isaaniitiin akka wal bulchanis aangoo kan kennuudha” jedhaniiru.

‎Seenaa Itoophiyaa keessatti mootummaan jijjiiramaa hirmaachisummaa Sabootaa, Sablammootaafi Uummattootaa dhugoomsuun dhimma biyyaa irratti walqixxummaan akka dubbatan akka taasises dubbataniiru.

‎”Biyya kana keessaa aadaafi afaanotni hedduun akkasumas hordoftoonni amantaa adda addaa akka jiran beeknee waliif kabajuun jaalala biyya ofii agarsiisuun nurra jira” jechuun dhaamaniiru.

Shuumii Badhaasootiin qindaa’e

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply