Badhaasni Miidiyaa IGAD’n qophaa’u 3ffaan Finfinneetti adeemsifamaa jira

You are currently viewing Badhaasni Miidiyaa IGAD’n qophaa’u 3ffaan Finfinneetti adeemsifamaa jira

‎AMN PLUS-Sadaasa 21/2018

‎Badhaasni Miidiyaa IGAD 3ffaan bara 2025 Magaalaa Finfinnee Hoteela Iskaayilaayititti adeemsifamaa akka jiru ibsame.

‎Sirni badhaasaa kun mata duree “Gabaasa Jijjiirama qilleensaa bu’a qabeessa, naannawa nageenyi mirkanaa’e, cimaa fi tasgabbaa’aa ta’eef” jedhuun adeemsifamaa akka jiru ibsameera.

‎Sirna badhaasa kanaa irratti Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Geediyoon Ximootiwos (PhD), Barreessaa Olaanaan IGAD Warqinaa Gabayyoo (PhD), Hoggantoonni mootummaa olaanoo fi keessummoonni affeeraman argamaniiru.

‎IGAD sagantaa kana mootummaa Itoophiyaa waliin ta’uun akka qophaa’e ibseera.

‎Sagantaa kanaf gaazexeessitootaa fi ogeessota fiilmii jijjiirama qilleensaa Gaanfa Afrikaa irratti hojjechuun bu’aa galmeessaniif beekamtiin kennama.

‎Badhaasni Miidiyaa IGAD bara 2023 irraa eegalee waggaa waggaan adeemsifamaa kan ture yoo ta’u, badhaasni bara 2023 Jibuutiitti kan bara 2024 Keeniyaa Naayiroobiitti adeemsifamuun isaa ni yaadama.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply