Yunivarsitiin Naannoo Oromiyaa ofiin of bulchuuf hojjataa jira- Garramuu Hulluuqaa (PhD)

You are currently viewing Yunivarsitiin Naannoo Oromiyaa ofiin of bulchuuf hojjataa jira- Garramuu Hulluuqaa (PhD)

AMN PLUS-Sadaasa 22/2018

Pirezidaantiin Yunivarsitii Naannoo Oromiyaa Garramuu Hulluuqaa (PhD), Yuunivarsitiin Naannoo Oromiyaa Sadaasa 19 bara 1988’tti kan hundaa’e yoo tahu, bu’aa ba’ii hedduu keessa kan darbeefi bu’aalee danuu galmeessuu ibsaniiru.

Yunivarsitichi kaayyoo hundeeffamasaa dandeettii hoggansaa Naannoo Oromiyaa cimsuu keessatti gahee olaanaa kan gumaache tahuu dubbataniiru.

Rakkoolee adda addaa naannicha keessa jiran irratti qorannoofi qo’annoon deeggaruun jijjiirama fiduuf, qorannoolee bu’a qabeessa tahan hedduu buusuu ibsaniiru.

Dabalataaniis, Naannoo Oromiyaatiin alattiis dhaabbilee adda addaa biyyattii keessa jiraniif, gama qo’annoofi qorannootiin deeggarsa taasisuus ibsaniiru.

Yuunivarsitiin Naannoo Oromiyaa akkuma yunivarsitiiwwan biyyattii biroo ofiin of bulchuuf hojiilee adda addaa hojjachaa jiraachuu himanii, adeemsa hanga ammaa jiruun, dhibbeentaa 40 galii ofiin of danda’uu ibsaniiru.

Adeemsa kana guutummaan guututti waggoottan muraasa keessatti xumuruuf, tarsiimoo adda addaa bocee hojiirra oolchaa jiraachuus Pirezidaantiin Yunivarsiitichaa Dooktar Garramuun ifoomsaniiru.

Yunivarsitiin Naannoo Oromiyaa hojii baruufi barsiisuu irra darbee, hojiilee tajaajila hawaasummaa hedduu kanneen akka ijaarsa manneen harka qalleeyyii, meeshaalee deeggarsa barnootaa gumaachuu, dubartoota rakkoolee adda addaaf saaxilaman gama leenjiifi deeggarsa meeshaaleen tumsaa jiraachuu eeraniiru.

Walumaa galatti lammiilee Kuma 65 sadarkaa barnootaa adda addaatiin leenjisee baasee jiraachuu ibsaniiru.

Yunivarsitichi Sagantaa Barnoota Digrii hanga PHD tti barsiisaa jiraachuus himaniiru.

Yuunivarsitichi Hundeeffamasaa waggaa 30ffaa kana Sadaasa 24 – 27 bara 2018’tti sagantaalee addaatiin kan kabaju tahuu himaniiru.

Mahaammad Toofiqtu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply