Heddumminni humna diinagdeeti- Biraanuu Leenjisoo (PhD)

You are currently viewing Heddumminni humna diinagdeeti- Biraanuu Leenjisoo (PhD)

AMN PLUS- Sadaasa 23/2018

Heddummina keessa bu’aan diinagdee olaanaa akka jiru Miseensi Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Biraanuu Leenjisoo (PhD) dubbatan.

Haaromsi xumuramee bu’aa diinagdeef dhaqqabuunsaa agarsisituu humna heddumminaa ta’uu himuun, pirojektootni gurguddoon akka biyyaatti eegalaman illee walooma saboota, sablammootaafi uummattoota biyya kanaa akka mul’isan turtii Dooktar Biraanuun AMN PLUS waliin turtii taasisaniin kaasaniiru.

Hirmaannaan sabaafi sablammootaa ammoo kan mirkanaa’e mootummaa jijjiiramaa Itoophiyaatti diimookiraasii mirkaneessaa jiruun akka ta’e eeraniiru.

Duraan garuu dhimma biyyaa keessatti murteessuuf naannoleen afur qofa hirmaachaa turuu yaadachiisuun, sun ammo sabaafi sablammootni tokkummaan akka hin dhaabbanne gufuu akka tures ibsaniiru.

Sabaafi sablammootni Itoophiyaa tokkummaan dhaabbachuun waliigaltee isaanii mirkaneessuuf waadaa walii galan humna waliif ta’uun bu’aa diinagdee olaanaa argamsiisuu akka danda’an dubbataniiru.

Dr Biraanuun, sabaafi sablammootni Itoophiyaa ergama badhaadhinaa eegalame galmaan ga’uuf marii biyyaalessaan dhimmoota isaanii hundumaa irratti ifaafi bilisaan mari’achuun gahee guddaa akka ba’atus ibsaniiru.

Mariin biyyaalessaa ammoo biyya waloofi jabduu sabootni, sablammootniifi uummattootni Itoophiyaa barbaadan waliin ijaaruuf murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.

Malkaamuu Abbabaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply