Kantiibaa Adaanech Abeebeen Pirojektii Manneen Kuma 26 eegalchiisan

You are currently viewing Kantiibaa Adaanech Abeebeen Pirojektii Manneen Kuma 26 eegalchiisan

AMN PLUS- Sadaasa 25/ 2018

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen ijaarsa manneenii kuma 26 teeknooloojii ammayyaan deeggarame Saayitii Laaftootti eegalchiisaniiru.

Karoorawwan ijoo bara kana qabanne keessaa inni duraa jiraattota magaalaa keenyaaf dhiyeessii manneen jireenyaa waliin gahuudha kan jedhan aadde Adaanech, bara kana manneen kuma 100 ol ijaaruuf karoorri qabamee hojjetamaa akka jiru eeraniiru.

Karoora kana qulqullinaafi ariitiin raawwachuuf teeknooloojii ijaarsaa akka biyyattiitti kan jalqabaa ta’e Cold-Formed Steel (CFS) fayyadamuun filannoo jalqabaa godhachuun guyyaa har’aa hojii eegalchiisneerra jedhan.

Warshaan teeknooloojii kanaa Kutaa Magaalaa Nifaas Silk Laaftootti ijaaramuu ibsuun, ariitii ijaarsaa guddisuuf, baasii hir’isuufi qulqullina fooyyessuuf filatamaa ta’uu kaasaniiru.

Bulchiinsi magaalichaa gaaffii jiraattotaa deebisuufi fayyadamummaa mirkaneessuuf hojjechaa jiraachuus ibsaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply