Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin daawwannaa hojiif Indiyaa seenaniiru.
Mr. Putiin erga bara 2020tii yeroo jalqabaaf Niwu Delhii dhaquu himame.
Ministirri Muummee Indiyaa Neeraandraa Moodiin yeroo simataniin “hiriyaa koo arguutti hedduu gammadeera” jechuun michummaa Raashiyaa waliin barootaaf ture dinqisiifataniiru.