Ogeeyyiin miidiyaafi rogeeyyiin, Paarkii Biyyaalessaa Gaarreen Baalee daawwataa jiru

You are currently viewing Ogeeyyiin miidiyaafi rogeeyyiin, Paarkii Biyyaalessaa Gaarreen Baalee daawwataa jiru

AMN PLUS- Sadaasa 27/2018

Guyyaa Turizimii Addunyaa 46ffaa Godina Baaleetti kabajamu sababeeffachuun ogeeyyiin miidiyaafi rogeeyyiin miidiyaa Paarkii Biyyaalessaa Gaarreen Baalee daawwataa jiru.

Naannoo Oromiyaatti Turizimii dameewwan dinagdee gooroo keessaa isa tokko taasisuun hawwattoota turizimii naannichaa misoomsuufi beeksisuu irratti hojjetamaa jiraachuuu daawwannicha irratti ibsameera.

Guyyaa Turizimii Addunyaa akka Oromiyaatti yeroo 21ffaaf, akka biyyaatti yeroo 38ffaaf, akka addunyaatti ammoo yeroo 46ffaaf kabajamu Godina Baaleetti taateewwan gara garaan ni kabajama.

Gareen Ogeeyyii miidiyaafi rogeeyyiin turizimii beeksisan Paarkii Biyyaalessaa Gaarren Baalee bal’ina 2,115 km² ta’u keessaa Gaara Saannatee, Lafa Margaa Geesseefi kanneen boroo daawwachaa jiru.

Ayyaantuu Geetaaneetiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply