Seenessa waloo jabeessuun dhaloota dhufu Badhaadhina dhaalchisuuf mootummaan cichoominaan hojjechaa jira- Obbo Fiqaaduu Tasammaa

You are currently viewing Seenessa waloo jabeessuun dhaloota dhufu Badhaadhina dhaalchisuuf mootummaan cichoominaan hojjechaa jira- Obbo Fiqaaduu Tasammaa

‎AMN PLUS-Sadaasa 27/2018

‎Kutaa Magaalaa Addis Katamaatti Mariin ummataa mata duree “Misraachoo Gubaa fi Bu’aa Mootummaa Ida’amuu” jedhu xiyyeefate gaggeeffame.

‎Marii kana keessatti bu’aawwan Mootummaa Ida’amuun gama Diinagdee, hawaasummaa, siyaasaafi fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuun wal qabatee akka Magaalaa Finfinneetti argaman keessatti hirmaannaan uummataa olaanaa ta’uu ibsameera.

‎Yeroo itti aanuttis Itoophiyaa Olka’insa biroof qopheessuun wal qabatee utubaawwan jijjiirramaafi qormaatilee isaa irratti bal’inaan kan mari’atamu ta’uu sagantaa bahe irraa hubachuun danda’ameera.

‎Biyya jabduu, gama hundaan misoomteefi sodaatamtu kan fayyadamummaan uummataa roga hundaan keessatti mirkanaa’e, arguuf seenessa waloo jabeessun dhaloota dhufu Badhaadhina dhaalchisuuf Mootummaan cichoominaan hojjechaa jiraachuu Sadarkaa Ministiraatti Itti Gaafatamaan Damee Ijaarsa Paartii Badhaadhinaa Jiddugaleessaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa haasaa saaqinsa marii Kanaa irratti taasisaniin dubbataniiru.

‎Paartiin Badhaadhinaafi mootummaan isaan hogganamu, gama hundaan dhimmoota Maqaa Biyyaa ijaaraan, kan Jiruufi jireenyaa lammiilee fooyyessan hunda irratti karaa qindaa’een hojjechaa jiraachuu beeksisaniiru.

‎Obbo Fiqaaduun “kenninsa tajaajilaa fooyyessuufi madda kira sassaabdummaa hundee irraa furuuf akka biyyattii qabsoon eegalame hirmaannaa uummataan cimee itti fufa” jedhaniiru.

‎Sisaay Dirribaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply