“Itoophiyaa sabdaneetti hunda qixa hirmaachistu ijaaruun, kaayyoo Kabaja Sadaasa 29ti”- Af-yaa’ii Aganyahu Tashaagar

You are currently viewing “Itoophiyaa sabdaneetti hunda qixa hirmaachistu ijaaruun, kaayyoo Kabaja Sadaasa 29ti”- Af-yaa’ii Aganyahu Tashaagar

‎AMN PLUS-Sadaasa 29/2018

“Itoophiyaa sabdaneetti hunda qixa hirmaachistu ijaaruun, kaayyoo Kabaja Sadaasa 29ti” jedhan Af-Yaa’iin Mana Maree Federeeshini Aganyahu Tashaagar.

‎Aadaafi duudhaan Sabootni, Sablammootnifi Uummattootni Itoophiyaa qaban waliigaltee diimookiraasiif bu’uura akka ta’e kabaja Sadaasa 29 Magaalaa Hosaa’inaatti taasifame irratti dubbataniiru.

‎Guyyaan Saboota,Sablammootaafi Uummattootaa qopheessummaa Naannooleefi Magaalootaan kabajamaa ture Sab-daneessummaafi tokkummaa Sabaafi Sablaammootaa ijaaruu keessatti bu’aa guddaa akka fide dubbataniiru.

‎Keessattuu baroota jijjiiramaa kanatti sab-daneessummaafi tokkummaa uummataa calaqqisiisuun akkasumas duudhaa waliin jiraachuu cimsuun obbolummaafi wal-qixxummaan uummata gidduutti dagaaguu akka danda’e hubachiisaniiru.

‎Dabalataanis, kabajni guyyaa akkanaa kuni adeemsa ijaarsa mootummaa biyyattii saffisiisuun nageenyaa waaraa, misooma itti fufiinsa qabuufi badhaadhina mirkaneessuu keessatti gumaachi isaa olaanaa akka ta’es Obbo Aganyaw Tashaagar ibsaniiru.

‎”Guyyaan Saboota,Sablammootaafi Uummattoota baranaas, bara bu’aan seenessa waloo, mallattoo tokkummaafi ibsituu xiiqii injifannoo Adawaa 2ffaa ta’e Hidhi Haaromsa itti eebbifametti kabajamuun adda isa taasisa” jedhaniiru.

Bara kana olka’iinsi imala Itoophiyaa dhugoomuufi pirojektiiwwan gurguddoon jalqabamuu yaadachiisaniiru.

Sadaasni 29 mata duree “WaliigalteeDimookiraatawaa Tokkummaa Sab-daneessummaaf” jedhuun “kabajamu kun tokkummaa sab-daneessummaa fi heddummina keenya kan ittiin mirkaneessinudha” jedhan.

Itoophiyaan biyya eenyummaan hundaa wal-qixa keessatti keessummeeffamu ta’uu addunyaatti mul’isuun sirna federaalizimii dhugaa ijaaruun seenaa haaraa irra akka jirru kan itti hubachiifnudha” jedhaniiru.

Shuumii Badhaasootu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply