Itoophiyaatti wagga waggaan daddabarsi maallaqaa dijitaalaa Birrii tiriiliyoona 18 ol ni raawwatama – Obbo Tamasgeen Xurunaa

You are currently viewing Itoophiyaatti wagga waggaan daddabarsi maallaqaa dijitaalaa Birrii tiriiliyoona 18 ol ni raawwatama – Obbo Tamasgeen Xurunaa

AMN PLUS- Sadaasa 30/2018

Ministirri Muummee Itti Aanaa FDRI Obbo Tamasgeen Xurunaa diinagdee dijitaalaa ijaaruun filannoo osoon taane caalanii argamuu akka ta’e ibsaniiru.

Obbo Tamasgeen wayita Yaa’ii Kaffaltii Diijitaalaa Itoophiyaa 2ffaa har’a eegalchiisanitti “Tarsiimoo Itoophiyaa Dijitaalaa 2025” milkaa’inaan hojiirra oolchuu eeraniiru.

Kunis tajaajila si’ataa, saffisaafi baasii qusatu lammiilee biraan gahuurra darbee, bu’aa ba’ii jireenyaa salphisaa akka jiru kaasaniiru.

Tajaajilli mootummaafi jireenyi uummataa filannoo ta’uu irra darbee, caalee akka argamu taasisuun, sirni kaffaltii elekitirooniksiifi dijitaalaa haala kaffaltii filatamaa akka ta’u dandeessisuu ibsaniiru.

Itoophiyaatti wagga waggaan daddabarsi maallaqaa diijitaalaa Birrii tiriiliyoona 18.5 akka raawwatamu ibsaniiru.

Ijaarsa diinagdee dijiitaalaa keessaa hojiin gama waraqaa eenyummaa Faayidaan hojjetame diinagdee dhaabbilee garaagaraa walitti qindeessuun ijaaramaa jiru keessatti hirmaannaa lammiileef balbala banuun tajaajilaa akka jiru himaniiru.

Konfiransii kanarratti Tarsiimoon Kaffaltii Dijitaalaa Biyyaalessaa waggoota shaniif bara 2026 hanga 2030’tti hojiirra oolu ifoomeera.

Tajaajilli qindaa’aan Tajaajila Giddugala Tokkoo MASOB’n kennamaa jiru agarsiistuu ce’umsa dijiitaalaa ta’uu ibsuun, tajaajila si’ataafi ammayyaaf fakkeenya akka ta’e miidiyaa hawaasummaa isaanii irratti ibsaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply